Maalummaa fi seenaa koompiitaraa

Lesson 1/3 | Study Time: 10 Min
Maalummaa fi seenaa koompiitaraa

Koompiitara jechuun maaliidha?


Kompiitarri meeshaa elektirooniksii galtee fudhatu, galtee akka qajeelfama fayyadamaatti kuusuun, haala barbaaadamuun odeeffannoo kan oomishuudha. Jechi koompiitara jedhu jecha afaan laatinii computare jedhu irraa kan dhufe yemmuu tahu, shallaguu/herreegduu jechuudha.


Seenaa koompiitaraa


Namoonni jalqabaa dhagaa, ulee, lafee fi wantoota biroo akka meeshaa laakkoftuutti fayyadamaa akka turan seenaan ni hima. Ta’us akkuma sammuun dhala namaa fi teeknoolojiin akkuma fooyya’aa dhufeen, koompiitaranni gara garaa kalaqamuu jalqaban. 


Seenaan kalaqii koompiitaraa kan jedhamu kalaqiinsa Abakasii irraa jalqaba. Abakasiin dursa biyya chaayinaa bara 4000BC kalaqame jedhamee tilmaama.


Namni John Napier jedhamu bara (1550-1617) maashinii herreegduu fooyya;aa kalaqe. Bara 1642 and 1644 keessatti immoo maashinni Paaskaliin kalaqame.  Kalaqaan itti fuufuun bara 1673, Stepped Reckoner or Leibnitz wheel kan jedhamu maashinni herreegduu fooyya;aan uumame.


Abbaa koompiitaraa jedhamuun kan beekkamu chaarles Babbage, bara 1820tti Difference Engine kalaqe. Bara 1830ttis Analytical Engine kalaqe. 


Bara 1890tti nama Herman Hollerit jedhamuun Tabulating Machne kalaqame. 

AfriLearns

AfriLearns

Product Designer
1.09
Profile